Rakkooleen nageenyaa naannoo daangaatti uumaman marii hiikamuu qabu jedhame

85

Onkololeessa 28/2015(TOI)- Rakkooleen nageenyaa naannoo daangaatti uumaman marii fi wal hubannaadhaan hiikamuu akka qaban ibsame.

Rakkoo waldhabdee hawaasa naannoo daangaa Oromiyaafi Somaalee aanaa Gurraa Dhaamoleetti uumamaa ture furuudhaaf mariin waliinii gaggeeffameera.

Maricharratti hooggantoonni olaanoon Federaalaa, naannolee lamaanii, caasaaleen Godinaa fi Aanaa akkasumas jaarsoliin biyyaa hirmaataniiru. Ministirri Nageenyaa Obbo Binnaalf Aandu'aalam waltajjicharratti yaada kennaniin, Waldhabdeen hawaasaa naannoo daangaatti uumamu marii fi wal hubannaadhaan furamuu qaba jedhan.

Rakkoo waldhabdee hawaasa godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee fi naannoo Somaaleetti godina Liiban bu'uurarraa furuuf kallattiin Ministeera Nageenyaa fi Itti aantota Pirezidaantii naannolee lameeniin kaa'amuu ragaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa jechuun FBC gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015