Finfinneen badhaasa idil addunyaa Arjantiinaafi Biraazilitti argatteef kanneen gumaacha taasisaniif sagantaan beekamtii laachuu galma miliniyeemitti geggeeffamaa jira.

73

Onkoloolessa 26/2015(TOI) - Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojii bartootaaf nyaata dhiheesuufi balfa dhabamsiisuu hojjeteen badhaasa idil addunyaa Arjantiinaafi Biraazilitti argatteef kanneen gumaacha taasisaniif sagantaan beekamtii laachuu galma miliniyeemitti geggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeefi hoggantoonni mootummaa, dureeyyoonni, ambaasaaddaroonni, dursitoonni manneen barnootaa, Barsiisota, Baratoonnifi haadholii soorata bartootaaf dhihaatu qapheessaaniifi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Foramii idil addunyaa ‘Milan Urban Food Policy Pact’ Biraazilitti geggeeffame faalama qillensaa hambisuufi balafa dhabamsiisurratti hojii hojjeteen badhaasa idil addunyaa argachuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015