Sirni awwaala dooktor Nagaasoo Gidaadaa raawwate - ENA Afaan Oromoo
Sirni awwaala dooktor Nagaasoo Gidaadaa raawwate

Eebla 27/2011 Sirni awwaala pirezidaantii duraanii dooktor Nagaasoo Gidaadaa bakka muummeen ministiraa dooktor Abiyyi Ahimad, Pirezidaanti Saahilawarq Zawudee fi hooggantootni olaanoon biroo argamanitti bataskaana pheexiroos phaawuloositti hari’a raawwate.
Sirnicha irratti muummeen ministiraa Dooktor Abiyyi ahimadii fi namoonni biroo abaaboo kaa’anii jiru.
Pirezidaantiin duraanii dooktor Nagaasoon bara 1935 A.L.H kan dhalatan yoo ta’u dukkuba isaan qunnameen Eebla 19/2011 du’aan boqotan.