Minsteerri Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa gareen shororkeessaa ABUT raayyaa Itisa Biyyaa ajaja kaabaarratti gochaa gantummaa raawwate yaadachaa jira.

176

Onkoloolessa 24/2015(TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT daangaa fi birmadummaa Itoophiyaa kabachiisaa kan ture Raayyaa Ittisa Biyyaatti ajaja Kaabaarratti Onkoloolessa 24/2013 haleellaa raawachuun ni yaadatama.

Ministerri Raayyaa Ittisa Biyyaa aarsaa raayyichi kanfaleefi gochaan akkanaa kun tasa akka hin dabalamneef mata duree ''Yoomiyyuu hin dagannu'' jedhuun yaadachaa jira.

Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa doktar Abiraaham Balaay guyyicha ilaalchisuun ergaa dabarsaniin gochaan raawwatame diinota keenyaa furtuu ittiin ijifannu kan nuuf laatedha jedhaniiru.

Gochaa kanarras barnoota irra hin deebi'amne hubachuun akka barbaachisuu himaniiru.Haaluma walfakatuun guyyaan kun mata duree yoomiyyuu hin dagannu jedhuun sadarkaa biyyaatti kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015