Gochaa gantummaa gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti onkoloolessa 24/2013 ajaja waliigalaa raayyichaan haala addaan yaadatamee oola

Onkoloolessa 23/2015(TOI) - Gochaa gantummaa gareen shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti onkoloolessa 24/2013 ajaja waliigalaa raayyichaan haala addaan yaadatamee kan oolu ta'uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise.

Daarektarrii qunnamtii uummataa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa koloneel Geetinat Adaanee haala yaadannoo onkoloolessa 24 ilaalchisuun ibsa gaazexeesitootaaf laataniiru.

Ibsa isaaniinis yeroo hundaa gochaan gantummaa kan irraa hin fagaannee gareen shororkeessaa ABUT Onkoloolessa 24/2013 raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaa ganuun duubaan dhokatee haaleella shukkanneessaa irratti raawwachuu yaadachiisaniiru.Gareen kun gochaa gantummaa isaa kanaanis diinaa uummataafi biyyaa ta'uu isaa mirkaneesera jedhaniiru.

Guyyaan kun waggaan 2ffaan isaa bor ajaja waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi miseensoota Raayyichaan bakkuma jiranitti haala addaan yaadatamee kan oolu ta'uu himaniiru.

Guyyaan yaadannoo kun gochaan badaan akkanaa akka lammata hin raawwatamne yaadachiisuun kan kabajamu ta'uu himaniiru.

Dabalataan guyyaan yaadannoo kun kan kabajamuuf jibbaafi haaloo ibsachuuf osoo hin taane gochaan gantummaa akka kanaan irra deebiin akka hin raawwatamne barsiisuufi hubachiisuuf akka ta'ee hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015