Itiyoo-Telekoom Tajaajila haaraa Telee Kilaawud jedhamu ifoomse - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo-Telekoom Tajaajila haaraa Telee Kilaawud jedhamu ifoomse
Onkoloolessa 17/2015(TOI) - Itiyoo-Telekoom Tajaajila haaraa Telee Kilaawud jedhamu ifoomseItiyoo - Telekoom yeroo adda addaatti tekinolojiiwwan haaraa hojiirra oolchaa jiraachuun beekamaadha.
Hoji geggeessituun olaantuu Itiyoo- Telekoom Firihiwoot Taammiruu akka himaniitti tajaajilli Kilaawud Soolushiin keessayyuu dhaabbilee daldaalaf tekinolojii baay'ee fayidaa guddaa qabudha jedhaniiru.
Itiyoo - Telekoom yeroo tajaajila kana hojiirra oolchu keessayyu dhaabbileen daldalaafi kanneen biroo Telee Kilaawud fayyadaman osoo daataa ofii isaanii hin ijaaruun isaan hin barbaachisiin karaa salphaa tajaajilicha karaa Telee daataa beezii bakka jiran ta'anii fayyadamoo akka ta'an kan taasisuudha jedhaniiru.
Tajaajilichii dhaabbileen tekinolojii fayyadamuun kennisaa tajaajilaa isaanii akka ammayyeessan kan gargaruu yoo ta'u oomishaafi oomishitummaa guddisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahuu danda'udha jedhaniiru.
Hojiin kunis hojii Dijitaal Itoophiyaa uumuuf hojjetamu keessaa tokkodha jedhaniiru.