Suphaa sarara daddabarsa humna ibsaa Qobboo - Alaamaxaa, Alaamaaxaa - Laallibalaa torban tokko keessatti xumuruuf hojjetama jira

115

Onkoloolessa 16/2015(TOI) - Suphaa sarara daddabarsa humna ibsaa Qobboo - Alaamaxaa, Alaamaaxaa - Laallibalaa torban tokko keessatti xumuruuf hojjetama jiraachuu Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Waraana gareen shororkeessaa ABUT baneen bu'uraalee misooma himana ibsaa miidhaan irra gahee suphuun hojjetamaa jiraachuu daarekatti distirikitichaa obbo Shimallis Waldasamaat beeksisaniiru.

Naannawichatti bu'uuraalee misoomaa humna ibsaa argamurratti sababa waraanichaan miidhaan guddaan irra gahuu himaniiru.

Naannawaa Kaaba Wallootti utubaa himana ibsaa konkiriitirra tolfame 10 fi tiraansifoormarii 40 olirra miidhaan jabaan gahuufi naannawichatti utubawaan mukaarra qophaan kan pirijeektii jallisiif dhaabbatan tajaajilaa ala ta'aniiru jedhaniiru.

Akka obbo Shimallis himanitti, suphaan sarara jiddugaleessaa Alaamaaxaa hanga Qobboo harki 50 kan xumurame yoo ta'u suphaan tiraansifoormerii humna ibsaa kiiloovoltii 66 jalqabamuus himaniiru.

Hojiin suphaa kun bakka lamatti qoodamee hojjetamaa kan jiru ta'uu himanii, torban tokko keessatti suphaa kana xumuruuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015