Tamsaasa Kallatti:

Dhukkuba Busaa dhabamsiisuuf qindoominni qaamolee hundaa murteessaadha.

Onkoloolessaa 15/2015(TOI) - Biyyi keenya Itoophiyaan bara 2030 akka Lakkoofsa warra Awurooppaatti dhibee Busaa guutummaatti dhabamsiisuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetaa jirti.

Naannoon Oromiyaas galma akka biyyaatti qabamee jiru bira ga'uu fi naannicha keessaa dhukkuba Busaa guutummaatti dhabamsiisuuf qaamota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetaa jira.

Naannoo Oromiyaatti hojii bal'aa qindoominaan hojjetamaa tureen bara darbe namoota sababa dhukkuba Busaan du'an Zeeroo irraan ga'uun danda'amee jira.

Haata'u malee, Godinoota naannicha keessatti argaman garii keessatti sababoota akka rakkoo nageenyaa, hawaasa biratti jijjiiramni ilaalchaa sadarkaa barbaadameen dhufuu dhabuu, itti fayyadamni saaphanaa haala barbaadameen ta'uu dhabuufi sababoota biroo irraan kan ka'e bara kana dhukkubni Busaa deebi'ee babal'achaa akka jiru hubatamee jira.

Biiroon Fayyaa Oromiyaas dhukkuba Busaa deebi'ee babal'achaa jiru kana hir'isuufi darbees dhabamsiisuuf hubannoo hawaasaa dabaluun dhukkubicha ittisuuf, hawaasni yeroo dhukkubichaan qabamu ariitiin gara mana yaalaa akka deemuu, saaphana raabsamutti sirnaan akka fayyadamuu akkasumas dhimmamtoonni ga'ee isaan irraa eegamu qixaan bahuu akka qaban taasisuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira.

Biirichi kana galmaan ga'uufis guyyaa har'aa ogeessota miidiyaa garaa garaa fi kominikeeshiniif magaalaa Adaamaatti leenjii hubannoo uumuu kennee jira.

Miidiyaan odeeffannoo qabatamaa danqaan lafarraa hin daangessiin yeroo barbaadametti hawaasa biraan ga'uun jijjiiramni amalaa hawaasa biratti akka dhufu meeshaa filatamaa ta'uu kan ibsan Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Daayireektarri Kominikeeshinii Siister Sa'aadaa Ahmad ogeessonni miidiyaa hundaa dhukkuba Busaa irratti hawaasaaf hubannoo barbaachisu kennuun miidhaa dhukkubni Busaa hawaasa keenya irraan ga'u hambisuuf akkasumas guutummaatti dhabamsiisuuf hojjechuu qabdu jedhaniiru.

Keessumaa miidiyaaleen hawaasa keenya biratti akka hanqinaatti kan muudachaa jiru itti fayyadama saaphana siree, qulqullina naannoo, itti fayyadama keemikaala ittisa Bookee Busaa, itti fayyadama daawwaa dhukkuba Busaa irratti uummanni of dagannaa keessaa akka ba'uuf tooftaalee kominikeeshinii garaa garaa fayyadamuun uummata barsiisuufi odeeffannoo kennuun Biiricha waliin akka hojjetan dhaamaniiru.

Bara kana godinoonni dhukkubni Busaa olka'ee jiru godinoota rakkoon nageenyaa keessa jiru ta'uu kan ibsan Siister Sa'aadaan ogeessonni fayyaa Biirichaafi caasaan Biiroo Fayyaa haala rakkisaa keessattillee uummata keenya baraaruuf hojjechaa turuu himaniiru.

Miidiyaan ammoo bakkuma jiru ta'ee baadiyyaa fagoo bira ga'uun hawaasaaf odeeffannoo wayitaawaa kennuu waan danda'uuf ogeeyyonni miidiyaa dirqama ogummaa isaanii ba'uun duula dhukkuba Busaa dhabamsiisuu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru jechuun BDhKO gaabaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015