"Furtuun guddina keenya harka keenya jira"

"Furtuun guddina keenya harka keenya jira

Adeemsi gara badhaadhinaatti goonu kan si'atu adda durummaadhaan humna keenya keessaarratti yoo hundaa'edha. Humna keenya keessaa jechuun humna uummata keenyaa, qabeenya seenaafi uumamaa biyya keenyaa akkasumas ogummaa kalaqaa dhaloota haaraati.

Qormaatilee rakkisoo ta'an keessaa utuu darbaa jirruullee dinagdee dandamatu qabaachuu dandeenyeerra. Kanaaf sababiin olaanaan immoo hamma tokko humnoota keessaa qabnutti duguugnee fayyadamuuf ka'uu keenyadha. Deeggarsi qaama kamirraayyuu nuuf kennamu humna keenya keessaarratti dabalata kan ta'u malee burqaa guddinaa adda duree ta'uu hin danda'u.

Adeemsi humna keenya keessaatti fayyadamnee gara badhaadhinaatti goonu gufuuwwan irraa bilisa kan ta'e miti. Shirri dinagdee, hattummaafi hoomisha dhoksuun qorumsoota keenya adda duree ta'aniiru. Hoomisha alatti ergamuu qabu dhoksuu, sharafa biyya alaa seeraan alaa daddabarsuufi shiraan lafa weeraruun, gufuuwwan badhaadhinaa kutannoodhaan tarkaanfii hatattamaa irratti fudhachuu qabnudha.

Fuulduratti dinagdee qorumsoota cehu ijaaruuf akka dandeenyu qabsoo bifa lama qabutu nubarbaachisa - balleessuufi misoomsuu.

Shiroota dinagdee, hattummaafi dhoksaa hoomishaa balleessuuf qabsoo murteessaa hunda keenyaa gaafata. Gama biraatiin ammoo galii dabaluufi baasii haala olaanaa ta'een hir'isuuf qabsoon misoomaa nurraa eegama.

Dirreewwan qabsoo lamaan kunneen imaammata keenyaafi humna keenyaan guddachuu akka dandeenyu nugargaaru. Furtuun guddina keenyaa harka keenya waan jiruuf." - MM doktar Abiy Ahimad

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015