Ajandaa shororkeessaa ABUT fi jiddu seentummaa biyyoota alaa ni balaaleffanna- yaada kennitoota

61

Onkoloolessa 12/2015(TOI) Ajandaa biyya diiguu Shororkeessaa ABUT fi jiddu seentummaa biyyoota alaa cimsanii akka balaaleffatan hiriira ummataa Finfinneerratti kan argaman jiraattonni magaalattii dubbatan.

Hiriirri ummataa shororkeessaa ABUT balaaleffatuufi jiddu seentummaa biyyoota alaa mormu har’a ganama magaalaa Finfinneetti adeemsifameera.

Jiraattonni magaalattii hiriira kanarratti argaman abbootiin amantaa amantaa addaddaarraa dhufan ganama barii biyyasaaniif sagaleesaanii dhageessisaniiru.

Hiriirtonni yaada kennan akka jedhanitti, hundi nagaan bahee kan galu yoo nagaan jiraatedha, amantaan, aadaan, duudhaan kan kabajamu yoo biyyi jiraatedha.

Kanaaf diinota Itiytoophiyaa waliin ta’uun kanneen nageenyiifi tokkummaan biyyattiitti akka hinjiraanne kan taasisan hundi gochasaaniirraa akka of qusatan gaafataniiru.

Mootummaa nagaaf dursa kennuusaa dinqisiifatanii, kanneen ummata ggidiraaf saaxilan cimsanii akka balaaleffatan dubbataniiru.

Itiyoophiyaan rakkooshee ofiin hiikuuf muuxannoofi sirna ture waan qabduuf dhimma keessoo keenyaa ofiikeenyaa akka hiiknu dhimma Itiyoophiyaa Itiyoophiyaaf dhiisaa jedhaniiru.

Ummanni Itiyoophiyaa ummata nagaa barbaadu waan ta’eef waraanni kun yeroo gabaabaa keessatti xumurmee ummanni fuulasaa gara misoomaatti akka deebifatu deeggarsi Itiyoophiyaanotaa ammas cimee itti fufuuqaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015