Lammiileen Itiyoophiyaa jiddu seentummaa akka hin fudhanne hawaasa addunyaaf ergaa dabarsaniiru-gaazexessituu Hermeellaa Aragaawii

56

Onkoloolessa 12/2015 (TOI) “Lammiileen Itiyoophiyaa hiriira har’aatiin jiddu seentummaa akka hin fidhanne ergaa ifa ta’e hawaasa addunyaaf dabarsaniiru” jette gaazexessituun Hermeella Aragaawii.

Hiriirri shororkeessaa ABUT balaaleffatuufi jiddu seentummaa biyyoota lixaa tokko tokko mormu “Itiyoophiyaaf nan dhaabadha sagalee koos nan dhageessisa” jechuun guyyaa har’aa kutaalee Itiyoophiyaa addaddaatti gaggeeffameera.

Hiriirri kun yeroosaa kan eeggateefi lammiileen Itiyoophiyaa jiddu seentummaafi dhiibbaa akka hin fudhanne hawaasa addunyaaf ergaan kan itti darbe ta’uu gaazexessituu Hermeellaa Aragaawii ibsiteetti.

Lammiileen Itiyoophiyaa birmadummaa isaanii kabachiisuuf aarsaa kamiyyuu akka kafalan akka agarsiisanis eerteetti.

Hiriira kanarratti dhaadannoowwan”birmadummaa Itiyoophiyaa kabajaa, jiddu seentummaa hin fudhannu, jiddu seentummaan maqaa deeggarsa namoomaan taasifamu haa dhaabatu, biyya birmaduu tokko keessa raayyaan lama hinjiraatu” jedhan dhageessifamaniiru.

Hiriira Finfinneefi kutaalee Itiyoophiyaa birootti adeemsifaman ummanni hedduun hirmaachuusaa hubadheera kan jette gaazexessituun kun, lammiileen Itiyoophiyaa sagalee hawaasa addunyaaf dhageessisuu jalqaban itti fufsiisuu akka qaban dubbatteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015