Fedhiin humnoota Itiyoophiyaa diiguuf yaalanii abjuu akka ta’u tokko taanee dhaabachuu qabna-Ob. Eliyaas Ummataa - ENA Afaan Oromoo
Fedhiin humnoota Itiyoophiyaa diiguuf yaalanii abjuu akka ta’u tokko taanee dhaabachuu qabna-Ob. Eliyaas Ummataa

Onkoloolessa 12/2015 (TOI) Fedhiin humnoota Itiyoophiyaa diiguuf yaalanii abjuu akka ta’u ammas tokko taanee dhaabachuu qabna jedhan itti aanaan af yaa’ii Caffee Oromiyaa Eliyaas Ummataa.
Hiriira nagaa “Itiyoophiyaaf nan dhaabadha sagalee koos nan dhageessisa” jechuun har’a Adaamaatti gaggeeffame irratti jiraattonni magaalaa Adaamaafi godina Shawaa bahaahedduun hirmaataniiru.
Itti aanaan af yaa’ii Caffee Oromiyaa ob. Eliyaas Ummataa akka jedhanitti, “shaneefi shororkeessaan ABUT biyya diiguuf ga’een ergamtuu taasisaa jiran tokko taanee fashaleessuu qabna” jedhaniiru.
“Dhiibbaa humnaan harka keenya micciiruuf taasifamu nuyi Itiyoophiyaanonni hin fudhannu, kaayoo keenyarraas hin maqnu” jedhaniiru.
”Itiyoophiyaan dhiigaafi lafeerraa kan ijaaramte ta’uushee hundi hubachuu qaba” kan jedhan ammoo kantiibaa magaalaa Adaamaa ob. Hayiluu Jaldeeti.
Itiyoophiyaanonni dur irraa kaasee balaa birmadummaa keenyarratti aggaamame tokko ta’uun qolachaafi maqsaa turaniiru jedhan.
Jiraattonni magaalaa Adaamaa ammas raayyaa ittisa biyyaa cinaa dhaabbatanii birmadummaa niyyaa eegsisuu qabu jedhaniiru.
Jiraattonni magaalichaa akkauma kanaan duraa tokkummaasaa eegee shira diinaa maseensuu qabu jedhaniiru.
Bulchaan godina Shawaa bahaa ob. Abbaabbuu Waaqoo gamasaaniitiin, ummanni godinichaa homtuu osoo isa hin daangessiin aasxaa birmadummaa biyyaa kan ta’e raayyaa ittisa biyyaa cinaa dhaabachuusaa ibsaniiru.
Abjuun diinaa akka fashalu qabsoo taasifamu human guutuun deeggaruu akka qabu gaafataniiru.