Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan sosochii qulqullina bunaa biyyaalessaa naannolee oomishtoota bunaa adeemsifamuufi

Onkoloolessa 11/2015 (TOI) - Sagantaan sosochii qulqullina bunaa biyyaalessaa naannolee oomishtoota bunaa adeemsifamuuf akka ta’e abbaan taayitaa bunaafi shayee ibse.

Abbaan taayitichaa ibsa har’a kenneen, sagantichi Onkoloolessa 15-19/2015tti akka gaggeeffamu beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjira abbaa taayitichaa ob. Mahaammad Shamsuu sagantaan sosochii qulqullinaa kun”Qulqullinni oomisha bunaa guddina erereef” jedhuun akka adeemsifamu ibsaniiru.

Sagantaan kun Miizaan Jimmaafi Hawaasaatti akka adeemsifamu eeranii, abbootiin industirii al ergii,qorattoonniifi qaamoleen dhimmi ilaalu ni hirmaatu jedhaniiru.

Sanadoonni qulqullina bunaa eegsisuu danda’an sagantaa kanarratti dhihaatanii mariin kan taasifamu yoo ta’u, daawwannaan dirrees akka taasifamu inbsameera.

Daawwannaa dirree kanarratti qophiin industiriiwwan asheeta bunaa qopheessanii akka daawwatamu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015