Tamsaasa Kallatti:

Seeroonni idil addunyaa meeshaa biyyoonni lixaa muraasni fedhii isaanii ittiin galmaan gahaatan ta'eera - Ogeessa Seeraa

Onkoloolessa 11/2015(TOI) - Seeroonni idil addunyaa maqaa mirgoota namoomaafi deeggarsa namoomaan meeshaa biyyoonni lixaa muraasni fedhii isaanii ittiin galmaan gahaatan ta'eera jedhan Yuunivarsiitii Gondoritti ogeessii seeraa obbo Lijaalem Gaashaawu.

Biyyoonni kunneen yeroo ammaa gareen shororkeessaa ABUT dadhabeera jedhanii waan yaadaniif garicha badiirraa oolchuuf yaalii taasisaa jiru jedhaniiru.

Seerota idil addunyaa dahoo taasifachuun Itoophiyaarratti dhiibbaa hin malle taasisuuf sochiin taasisaa jiran fedhii isaanii galmaan gahuuf akka ta'e obbo Lijaalem himaniiru.

Seeronni idil addunyaa hedduun maqaa mirga namoomaafi deeggarsa namoomaan meeshaa biyyoonni lixaa muraasni fedhii isaanii ittiin galmaan gahatan ta'eeras jedhaniiru.

Dhiibbaan hin mallee kan biyyoonni lixaa tokko tokkoo Itoophiyaarratti taasisuuf yaala jiranis yaada kanarra kan madde ta'uu obbo Lijaalem himaniiru.

Dhaabileen Mootummoota Gamatoomaniifi kanneen biroo hundaa'an qindoomina idil addunyaa akka hoggananiif hundaa'an fedhii biyyoota lixaa muraasaa milkeessuuf hojiirraa oolaa dhufaniiru jedhaniiru.

Biyyoonni kunneen fedhii Itoophiyaan mootummaa dadhabaa akka qabaattu qabanirra kan ka'ee gareen shororkeessaa ABUT akka dhabamu hin fedhan jedhaniiru.

Karaa seerota idil addunyaa darbeen ifatti garee kanaaf deeggarsa taasisaa jiraachuu isaaniis himaniiru.

Mootummaan birmadummaa biyyaa kabachiisuuf tarkaanfii fudhachaa jiru maqaa mirga namoomaafi deeggarsa namoomaan dhiibbaa hin malle irratti taasisanii ggaricha kufaatirraa hambisuuf yaaliin taasisaa jiran fudhatama kan hin qabnedhas jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015