Itoophiyaan bu'aawan dinagdee tekinolojiirraa argamurra fadamtuu akka ta'uuf, damichaan ogeeyyii beekumsa gahaa qaban horachuun dirqama - doktar Abiy Ahimad

Onkoloolessa 10/2015(TOI) - Itoophiyaan bu'aawan dinagdee tekinolojiirraa argamurra fadamtuu akka ta'uuf, damichaan ogeeyyii beekumsa gahaa qaban horachuun dirqama jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.

Doktar Abiy Ahimad mana barnootaa Gabbisa Kenna addaa eebbisaniiru.Adunyaan keenya tekinolojiin deemteetti, biyyi keenya Itoophiyaanis bu'aawaan akka dinagdee irraa fayadamtuu ta'uuf damichaan ogeeyyii beekumsa gahaa qaban horachuun dirqama jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad.

Daraggoonni guddatoonni Kenna addaa qaban dandeetti isaanii fayyadamanii biyya isaan biyyoota tekinolojiin guddatan cinaa hiriirsuu akka danda'aniif manneen barnootaa akka Mana barnootaa Gabbisa kenna addaa Buraayyuu baay'isuu nu barbaachisa jedhaniiru.

Minisirri Muummee Doktar Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin Manni barnootaa kun jalqabee hanaga xumuramutti jiraatoota naannawichaa gahee isaanii bahan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015