Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Xiyyaarota haaraa 39 yeroo dhihootti hojii eegalchiisa

311

Onkolooleessa 10/2015(TOI) - Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Xiyyaarota haaraa 39 yeroo dhihootti hojii kan egalchiisu ta'uu dursaan Boordii daandii qileensicha Girmaa Waaqee beeksisan.

Obbo Girmaa Waaqee turtii TOI waliin taasisaniin akka himanitti Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Daandiwaan Qilleensaa biyyoota Afrikaa waloon bulchuuf karoora qabu babaali'isaa jira jedhaniiru.

Daandii Qilleensa milkaa'aa ta'uun kan beekamu Daandiin Qillensa Itoophiyaa yeroo ammaa Daandii qillensa Kongoofi Naajeeriyaa hirmaataa abbeetaa ta'ee hogganuuf adeemsarra jira jedhaniiru.

Daandiin Qillensa Itoophiyaa waggoota torbaatamaa oliif Daandii qillensaa maqaa gaarii qabu ta'ee turuu himaniiru.

Daandiin Qillensa Itoophiyaa milkaa'ina kallatti adda addaan qabuun sadarkaa addunyaatti badhaafamaa ta'uun Daandii Qilleensa filatamaa ta'uu itti fufeera jedhaniiru.

Milkaa'ina daandichaa caalaatti itti fufsiisuuf waggaa shan keessaatti dachaan guddachuuf karoora qabatee hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Yeroo dhihootti xayaaroota haaraa 39 hojii eegalchiisuuf ajamanii eegamaa jiraachuu himaniiru.Daandiin Qillensa Itoophiyaa Awustiraaliyaa irraa kan hafe ardiiwwan hundaatti kan balaalii qabu ta'uu himanii, adeemsa keessa Awustiraaliyaattis balalii jalqabuun hin hafu jedhaniiru.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa kanaan dura daandii qillensaa Toogoo Iskaay Daandii Qillensaa Zimbaabuwee fi daandii qillensa Maalaawwii gar tokkoonfi sadarkaa adda addaatti hirmaataa abbeentaa ta'ee hogganaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaa Daandii qillensa Ripabilikaa Dimokiraatawaa Kongoo Eir Kongoo fi Daandii qillensa Naajeeriyaa hirmaataa abbeetaa ta'ee hogganuuf adeemsarra jira jedhaniiru.

Daandiin Qillensa Koongoo Mootummaa Koongoo waliin ta'uun, Daandii Qillensa Naajeriyaa immoo Mootummaa Naajeeriyaafi abbootii qabeenya waliin ta'uun daandii qillensaa haaraa lama hundeessuuf gara hojiitti galamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015