Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen Daarektara olaanaa FO Ku Dongiyuu waliin mariyatan

86

Onkoloolessa 9/2015(TOI) - Ministirri Qonnaa Obbo Umar Huseen fooramii nyaata addunyaarratti hirmaachuun cinaatti Daarektara olaanaa Dhaabbata Qonnaa(FO) Ku Dongiyuu waliin mariyatan

Marii isaaniinis obbo Umar Huseen oomisha qonnaa fooyyesuuf hojii Itoophiyaatti hojjetamaafi bu'aa isaanii ibsa laataniiru.

Sirna qonnaa jijjirama qilleensaa damdamachuu danda'u hojiirra oolchuuf hojii hojjetamuu kan ibsaniif yoo ta'u FO deeggarsa ogummaa akka taasisu gaafataniiru.

Daarektarri olaanaa FO gama isaaniin hojii Itoophiyaan midhaan nyaataan of danda'uuf taasisaa jirtuufi misoomaa ittifufinsa qabu fiduuf hojjetu dinqisiifachuu ragaan Ministira dhimma alaarra argame ni muli'isa.

FO mootummaa Itoophiyaa waliin caalaatti walitti dhufeenyaan kan hojjetu ta'uu daarekatarichi himuu ragaan kun ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015