Dippilomaasiin 'Softi Paaworii' maqaa biyyaa ijaaruun cinaatti fayidaa biyyaaleessa kabachiisuuf muteessaadha - Ambaasaaddar Diinaa Muftii

Onkoloolessa 8/2015(TOI) - Dippilomaasiin 'Softi Paaworii' maqaa biyyaa ijaaruun cinaatti fayidaa biyyaaleessa kabachiisuuf muteessaadha Menisteera Dhimma Alaatti Daarektarri Dippilomaasii Hawaasaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himan

Itoophiyaan walitti dhufeenya biyyoota waliin qabdu cimsuuf Dippilomaasii 'Softi Paawor' bal'inaan fayyadamaa jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan biyyoota waliin walitti dhufeenya dippilomaasii damee adda addaa caalaatti cimsuuf kallatti adda addaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Itoophiyaan qindoomina gama Siyaasaafi Dinagdee jirutti dabalataan oolaantummaa humnaafi dinagdee baay'ee kan hin barbaachifne dippilomaasii Softi Paaworii fayyadamuun sosochii cimaa taasisaa jirti jedhaniiru.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii akka himanitti biyyoonni lixaa tokko tokko dhiibbaa hin barbaachifne Itoophaarra gochuu yaalaa jiru.

Biyyoota kanneen haala qabatamaa lafarra jiruufi dhugaa jiru hubachiisuuf hojiin dippilomaasii hedduun hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Itoophiyaanonni, dhalatoonnii Itoophiyaafi michuwaan Itoophiyaa biyyoota addunyaa hundaarra jiran dhugaa jiru hubachiisuu duula Gahe(No more) geggeessuun bu'aan agarsiisaan guddaadha jedhaniiru.

Gara fuula duraattis hojiin dippilomaasiin Itoophiyaan biyya filatamtuu akka taatu ni hojjetama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015