Gareen Pirezidaantii naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu godina Shawaa bahaatti daawwannaa taasisaa jira.

64

Onkoloolessa 8/ 2015(TOI) Gareen Pirezidaantii naannoo Oromiyaa ob. Shimallis Abdiisaan durfamu godina Shawaa bahaa aanaalee addaddaatti daawwannaa taasisaa jira.Daawwannaan kun godinicha aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti boqqoolloo kilaastaraan misoome ilaaluun jalqabameera.Gorsaa ministiraa maakiroo ikoonoomii ministira muummee ambaasaaddar Girmaa Birruu dabalatee anga’oonni federaalaafi naannichaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.Naannoo Oromiyaatti boqqoolloon lafa heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 irratti misoomaa kan jiru yoo ta’u, kanarraas oomishni kuntaala miiliyoona 67 ni eegama jedhameera.Godina Shawaa bahaa qofatti lafa heektaara kuma 6 irratti boqqoolloon kilaastaraan misoomaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015