Tamsaasa Kallatti:

Gurmoofnee midhaan Oomishuun keenya bu’a qabeessa nu taasisaa jira-dargaggoota

Onkoloolessa 03/2015 (TOI) Gurmaa’anii midhaan oomishuunisaanii bu’aqabeessa isaan taasisaa akka jiru dargaggoonni naannoo kibbaa hojiin uumameefdubbatan.

Naannichatti anga’oonni biiroo misooma hojii uumuufi Intarpiraayizootaafi qaamoleen godinaalee addaddaarraa dhufan oomisha gannaa intarpiraayizoota dargaggootaan  misoomaa jiru daawwataniiru.

Qonnaa kilaastaraa daawwataman  keessaa godina Walaayittaa aanaa Humbootti misoomni xaafii dargaggoonni intarpiraayiziin gurmaa’an heektaara 120 irratti misoomsan isa tokkodha.

Dargaggoota xaafii oomishaa jiran 120 keessaa dargaggoo Afawarq Ayyalaa bara 2014 miiltoowwan isaa waliin gurmaa’uun oomisha midhaanii eegaluusaanii dubbateera.

Hojiin kun haala gaariirra akka jiru kan dubbate dargaggoon kun, kanneen biros qabeenya naannawa isaanii jiru fayyadamanii yoo hojjetan bu’a qabeessa akka ta’an himeera.

Dargaggoon kun akka jedhetti, heektaara tokkorraa kuntaala 40 ol akka argataniifi carraan hojii uumamuunsaa akka isa gammachiise ibseera.

Godina Kambaataa Xambaarootti dargaggoota carraan hojii kan uumameef keessaa Zallaqaa Kifleefi hiriyyoonnisaa lafa heektaara torba irratti qamadiifi xaafii oomishaa jiru.

Dargaggoo Zallaqaa kana dura biyyaa bahee taanzaaniyaatti waggaa sadii fi ji’a toorba jireenya koolu galtummaafi hidhaa akka dabarse dubbatee, wayita mana hidhaa turetti dirqamaan hojjechaa akka ture himeera.

Gara biyyaatti deebi’uudhaan hiriyyootasaa waliin gurmaa’ee oomisha midhaanii akka jalqabe ibseera.

Hojii kanaanis mootummaafi ogeessota qannaarraa deeggarsa argachaa akka jiran himeera.

Bara kana carraa hojii uumuu baadiyyaatiin dargaggoota hojiitti galchuuf karoorfame kuma 203 keessaa dhibeentaan 94 adda ba’uunsaanii itti aanaan biiroo carraa hojiifi misooma intarpiraayizootaa naannichaaob. Markinee Boggaalaa ibsaniiru.

Dargaggoota kana misooma qamadii, Xaafiifi Boqqoolloo irratti bobbaasuuf karoorfamuu eeraniiru.

Dargaggoota damee midhaaniirratti intarpiraayiziin gurmaa’an kuma 7 oliif lafa waloofi dhuunfaa heektaarri kuma 3 fi 208 kennameefii hojii jalqabuusaanii dubbataniiru.

Dargaggoota oomisha midhaaniirratti haaraa gurmaa’aniif ammoo liqiin birrii miiliyoona 35 kennamuu ibsanii, isaanis leenjii, deeggarsiifi gargaarsi akka taasifameef himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015