Dubaayiifi Emereetota kaabaatti Waamicha biyyaaf doolaarri kuma 300 ol sassaabameera-Tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Dubaayiifi Emereetota kaabaatti Waamicha biyyaaf doolaarri kuma 300 ol sassaabameera-Tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa
Onkoloolessa 3/2015 (TOI) - Dubaayiifi Emereetota kaabaatti Waamicha biyyaaf doolaarri kuma 300 ol sassaabamuusaa tajaajilli diyaasporaa Itiyoophiyaa beeksise.
Deeggarsi sassaabame kun qindeessummaa waajjira qoonsilaa jeneraalaa RDFI dubaayiifi emereetota kaabaan ta’uusaa tajaajilichi marsariitiinisaarratti eereera.
Deeggarsa walitti qabame keessaa doolaarri kuma 300 waldaa komoniitii lammiilee Itiyoophiyaa dubaayiifi emereetota kaabaa, kan hafe ammoo dippilomaatotaafi namoota dhuunfaarraa akka argame tajaajilli diyaaspooraa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Waamichabiyyaa mootummaan dhiheesserratti hundaa’uun misiyoononni biyyoota addaddaatti argaman qabeenya walitti Qabuu cimsanii itti fufuusaaniifi kanaan dura qindeessummaa eembaasii RDFI abudaabiitiin diyaaporaarraa doolaarari kuma 560 ol sassaabamuusaa tajaajilichi yaadchiiseera.