Bulchaan baankii biyyaalessaa Dr. Yinnaagar Dasee hoggantoota dhaabbata maallaqaa addunyaa waliin mari’atan

74

Onkoloolessa 03/2015 (TOI) Bulchaan baankii biyyaalessaa Dr. Yinnaagar Dasee kaleessa dhaabbata maallaqaa addunyaatti daarektara itti aanaa mooniitariingiifi kaappitaal maarkeetiingii fi hoggantoota boroo waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru.

Gama sharafa alaa, gabaa maallaqaa, maallaqa dijitaalaa, reeguleeshinii supparviijinii baankota biyya alaa akkasumas reeguleeshinii damee inshuraansiitiin haala waliin hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Kana malees deeggarsi teekiniikaa haala itti kennamurrattiifi adeemsa fuula duraatiif walii galteerra ga’uusaanii odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Ameerikaa TOIf erge eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015