Turkoonni Sibiila Fichisiisan meeshaalee sibiilaafi sibiilaan Wal qabatan Itiyoophiyaaf dhiheessuufi

Onkoloolessa 2/2015 /TOI/ Turkoonni Sibiila Fichisiisan meeshaalee sibiilaafi sibiilaan Wal qabatan Itiyoophiyaaf dhiheessuuf walii galuusaanii dhaabbanni geejjibaafi loojistiiksii galaanarraa Itiyoophiyaa  beeksise.

Dhiheessiiwwan kunneen buufataalee Turkii Aliigaas, Izmiiriifi Iskindiriyaa irraa ka’uudhaan fichisiiftotaa fi bakka bu’aasaanii Arkaas waliin meeshaalee sibiilaafi sibiilaan walqabatan dhiheessuuf waliigaltee taasifamedha.

Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata tajaajila geejjibaafi loojistiiksii galaanaa Itiyoophiyaa ob. Roobaa Magarsaa, fichisiiftotaaf tajaajila si’ataafi gatii salphaan karaa buufata Jibutii geejjibsiisuuf qophaa’aniiru jedhaniiru.

Itiyoophiyaan oomisha sibiilaa ga’aa ta’e dhiheessuu amma dandeessutti fichisiiftota sibiilaa biyya Turkii dhiheessiin fedhii keenya jiddu galeessa godhate akka jiraatu gama geejjibsiisuutiin haala mijaa’aa ni uumna jedhaniiru.

Kanaaf Turkoota sibiila fichisiisaniif gatii geejjibaa xiqqaafi tajaajila si’ataa kennuuf qophiin barbaachisu xumuramuueeraniiru.

Tajaajila fe’isaa sibiilaafi sibiilaan walqabatanii kennaa akka tura ob. Roobaan, sababa waraana Ruusiyaa-Yuukireeniin qorree akka ture yaadataniiru.

Haa ta’u malee galma Itiyoophiyaan milkeessuuf yaaddeef shoora keenya ba’uuf gatii madaalawaafi human guutuun tajaajila geejjibsiisuu kennuuf haala nu dandeessisurra jirra jedhaniiru.

Itiyoophiyaan dooniiwwan fe’isaa ishee gara buufata Turkiitti erguudhaan qaqqabiinsa tajaajilichaa guddisuuf hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Dhaabbanni tajaajila geejjibaaf lojistiiksii galaanaa Itiyoophiyaa bara bajataa 2014 birrii biiliyoona 51 tuqaa  4sassaabuungalii olaanaa galmeessisuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015