Lammiileen Itiyoophiyaa hojii uumtonni jalqabdoonni kudhan Dubaayi Jii Ayi Teeksi 2022 irratti hirmaachaa jiru

132

Onkoloolessa 2/ 2015 (TOI) Lammiileen Itiyoophiyaa hojii uumtonni jalqabdoonni  kudhan Dubaayi Jii Ayi Teeksi 2022 irratti hirmaachaa jiru.

Gareen mootummaafi Istaartaponni de’eettaa ministiraa damee qu’annoofi innoveeshinii Baayyisaa Badhaadhaa durfamu eksipoo kanarratti hirmaachaa jira.

Gareen kun qindeessummaa dhaabbata gargaarsaa idil addunyaa Jarmaniin  Fulbaana 30 amma Onkoloolessa 4/2015tti kan turu eksipoo teekinooloojiifi Istaartap irratti hirmaachuuf garas deeme.

Kaampaaniiwwan idil addunyaa fi Istaartaponni biyyoota 170 olirraa dhufan gurguddoon eksipoo kanarratti ni hirmaatu.

Itiyoophiyaan jalqabaaf Istaarappota qonnaa, ‘ICT’ fi teekinooloojiiwwan dijitaalaa irratti hundaa’an eksipoo kanarratti hirmaachisuun oomishaafi tajaajiloota isaanii akka beeksisan taasisaa jirti.

Haala kanaan dorgommiiwwan idil addunyaarratti akka hirmaatahiifi abbootii qabeenyaa waliin aakka wal argan haala mijaawaa akka uumu odeeffannoon ministeera Innoveeshiniifi Teekinoloojii irraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015