Bara Bajataa 2015 Gaaffilee eenyummaa Jahaaf Deebii Kennuuf Karoorfameera- Koree Dhaabbii

53

Onkoloolessa  01/ 2015 (TOI) Bara bajataa jalqamametti gaaffilee eenyummaa jahaaf deebii kennuuf karoorfamuusaa mana maree federeeshiniitti koreen dhaabbii dhimmoota eenyummaa, daangaa bulchiinsaafi ijaarsa nageenyaa beeksise.

Miseensonni mana maree federeeshinii walga’ii idilee marsaa 6ffaa bara hojii waggaa lammaffaa adeemsisaa jiru.

Walga’ii kanaanis ajandaalee sadiirratti mari’achuudhaan raggaaseera.

Ajandaaleen kunneenis walga’ee idilee bara hojii mana marichaa marsaa 6ffaa bara hojii waggaa lammaffaa, karoora bara 2015 Koree dhaabbii dhimmoota bajata diggomaafi galii waliiniifi  eenyummaafi bulchiinsa daangaafi ijaarsa nageenyaa irratti mari’achuudhaan raggaasuu kan jedhanidha.

Haqa dhabeessummaa bu’ura misoomaa irratti mul’atan sirreessuudhaan fedhiin misooma bu’uraa naannolee hundaa irratti hundaa’e akka hojjetamu dubbatameera.

Naannoleen walwiil ta’uudhaan wal gargaaranii hojjechuudhaan human galii walitti qabuu guddisuuf human guutuun akka hojjetan himameera.

Koreen dhaabbii eenummaa, daangaa bulchiinsaafi ijaarsa nageenyaas bara bajataa 2015 gaaffilee eenyummaa jahaaf deebiin akka kennamuuf karoorri qabamuu eerameera.

Gaaffileen eenyummaa odeeffannoo walitti qabuun akkasumas qorannoo taasisuun deebii akka argatan kan taasifaman yoo ta’u, ijaarsa sab daneessummaa tokkummaa biyyaa gabbisuun haala dandeessisuun deebii akka argatan ni taasifama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015