Ministirri Qonnaafi Dhaabbileen Isaas Jalatti Bulan Raayyaa ittisa Biyyaaf Deeggarsa Birrii Miiliyoona 80 Olitti Tilmaamamu Taasisan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Qonnaafi Dhaabbileen Isaas Jalatti Bulan Raayyaa ittisa Biyyaaf Deeggarsa Birrii Miiliyoona 80 Olitti Tilmaamamu Taasisan

Onkoloolessa 1/2015/TOI/ Ministirri qonnaafi dhaabbileen isa jalatti bulan raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa maallaqaafi akaakuun birrii miiliyoona 80 olitti tilmaamamu taasisaniiru.
De’eettaan ministiraa qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Eliyaas deeggarsicha de’eettaa ministiraa ittisaa Maartaa Luwiijiif kennaniiru.
Deeggarsa taasifame keessaa maallaqaan birrii miiliyoona 64 tuqaa 7 yoo ta’u, birrii miiliyoona 15 tuqaa 9 olitti kan tilmaamamu ammoo akaakuun ta’uun ibsameera.

Piroofeesar Iyyaasuun Wayita kana ergaa dabarsaniiin, hoggantoonniifi hojjettoonni dhaabbatichaa deeggarsa kana kan taasisan raayya ittisa biyyaa birmadummaa biyyaaf lubbuusaa kennaa jiru cinaa dhaabachuusaanii agarsiisuuf akka ta’e dubbataniiru.
Itti fufuunis, deeggarsi kun fuula duraa cimee akka itti fufu de’eettaan ministiraa kun eeraniiru.
De’eettaan ministiraa ittisaa Maartaa Luwiij gamasaaniitiin, deeggarsa ministeerri qonnaafi dhaabbileen isa jalatti bulan taasisaniif galateeffatanii, fuula duras cimee akka itti fufu gaafataniiru.