Bu’aan Gama Oomisha Qamadiin Argame Kanneen Biroorratti Yoo Itti Fufe Guddina si’ataa Fiduuf Gargaara-Hayyoota Dinagdee

96

Fulbaana 30/2015 (TOI) Bu’aan olaanaan Itiyoophiyaan qamadiirratti galmeessite misooma biroorratti yoo itti fufe guddina si’ataafi dinagdee amansiisaa ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu hayyoonni dinagdee beeksisan

Bara 2015 akka biyyaatti lafa heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 jallisiin misoomsuun qamadii kuntaala miiliyoona 52 oomishuuf karoorfameera.

Waggoota afran darban Itiyoophiyaan fooyyessa dinagdee biyya keessaaf xiyyeeffannaa kennuun hojiilee hojjechaa jirtuufi milkaa’ia mul’achaa jiran keessaa misoomni qamadii isa tokkodha.

Milkaa’ina kana itti fufsiisuuf muummeen ministiraa Abiyyi Ahmad misooma qamadii jallisii bonaa kan baranaa naannoo Somaaleetti jalqabsiisaniiru.

Wayita kana ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan bara kana oomisha qamadii biyya alaatti erguu akka jalqabdu mirkaneessaniiru.

Damee qonnaatiin bu’a qabeessa kan ta’e misooma qamadiifi dhimmoota wal fakkaata irratti TOI hayyoota dinagdee waliin turtii taasiseen jalqabbiiwwan misoomaa abdii namaa kennan jiraachuu himaniiru.

Fooyyessa dinagdee biyya keessaatiin Itiyoophiyaan waggoota afran darban dameelee misoomaa xiyyeeffannoo kenniteef keessaa oomishni qamadii tokko ta’uu dubbataniiru..

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan dinagdee Dr. Birhaanii Danuu xiyyeeffannoon Itiyoophiyaan misooma qanadiif kenniteefi bu’aan argame ajaa’ibsiisaa ta’uu ibsaniiru.

Bu’aan kun dameelee biroorrattis yoo itti fufe guddina si’ataafi dinagdeen amansiisaan ijaaruu ni dandeessisa jedhaniiru.

Yunivarsiitii Siviil Sarviisiitti gargaaraa piroofeesaraa dinagdee Dr. Wandaafarraawu Mulugeetaa , fooyyessi dinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaatti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhaniiru.

Keessumaa damee qonnaatiin oomishtummaan qamadii gama guddisuutiin misoomni milkaa’aa raawwatamuu eeraniiru.

Wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan misooma qonnaa meekaanaayizdii irratti hojjetamaa jiru ajaa’ibsiisaa ta’uu eeranii, misoomni midhaanii teekinooloojii kilaastaraan oomishamu itti fufiinsa qabaachuu qaba jedhaniiru.

Hojiiwwan bu’a qabeessi jalqabaman damee hundarratti itti fufsiisuuf mootummaan, dameen dhuunfaafi hawaasni waliin hojjechuu qabu jedhaniiru.

Damee qonnaatiin alatti mootummaan kutannoodhaan irratti hojjechaa kan jiru gama dameewwan oomishtummaafi albuudaa haali amdii qabeessi jiraachuunsaa agarsiiftuu akka ta’an dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015