Komishiniin Maree Biyyaaleessa bakka bu'oota uummaata naannoo Affaar, Beenishaangul Gumuzif Gambeellaa waliin mariyate

53

Fulbaana 30/2015(TOI) - Komishiniin Maree Biyyaaleessa bakka bu'oota uummaata naannoo Affaar, Beenishaangul Gumuzifi Gambeellaa waliin mariyate.

Marii kana haasaan kan banan komishiinarri Komishinii maree biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ari'ayaa akka himaniti, adeemsa maree biyyaalessaa keessatti naannoleen hundiifi sabaafi sablamoonni hundi akka hirmaatan hojiin itti fufinsa qabu hojjetamaa jira.

Komishiniichi maree biyyaalessaa osoo hin jalqabiin dura hojii qophee duraa adda addaa raawwachaa jira jedhaniiru.

Guyyaa har'aas bakka bu'oota uummataa naannoo Affaar, Beenishaangul Gumuzfi Gambeellaa waliin maree guyyoota lamaaf turu magaalaa Finfinneetti geggeessu eegaleera jedhaniiru.

Bakka buutonni kunnee barbaachisummaafi adeemsa marii biyyaalessaarratti hawaasa naannoof hubannoo kennuurratti abbummaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hojiin marii biyyaaleessaan qaamolee dhimmi ilaallatu hundi akka hirmaatan gochuun cimee kan itti fufu ta'uus eeraniiru.

Komishiinichi gara uummataatti gad bu'ee mariyachiisuun dura mariin har'aa taasifamu galtee guddaadha jedhaniiru.

Waltajjii marii kanarratti naannoolee sadanurraa bulchitoonni godinaaleefi aanaalee, jaarsolii biyyaa fi dhaabbileen siivikii hawaasaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015