Ministirri Muummee Abiyyi Du'a Pirezidaantii Duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaatti Gadda Itti Dhaga'ame Ibsan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Abiyyi Du'a Pirezidaantii Duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaatti Gadda Itti Dhaga'ame Ibsan
19/2011 Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du'a pirezidaantii RDFI duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaatti gadda itti dhaga'ame ibsan.
Torban sadan darban Jarmanitti yaalamaa kan turan pirezidaantiin RDFI duraanii Dr. Nagaasoo Gidaadaa waggaa 76tti addunyaa kanarraa du'aan boqochuunsaanii har'a dhaga'ameera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du'a pirezidaantii duraaniitti gadda cimaa itti dhaga'ame ummata itiyoophiyaa hundaa fi firootasaaniif ibsuusaanii odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame ni agarsiisa.
Sirna awwaalchaa ilaalchisee koreen biyyaalessaa akka hundaa'uu fi bal'inasaa yeroo yerootti kan ibsan ta'uu beekuun danda'ameera.
Baatii Hagayyaa bara 1935 kibba Itiyoophiyaa Dambidoollootti kan dhalatan Dr. Nagaasoo Gidaadaa waggoota 30 darbaniif siyaasa Itiyoophiyaa keessatti hirmaannaa hoo'aa qabu turan.
Bara 1987 amma bara 1993tti pirezidaantii rippaabiliika demokiraatikii federaalaa Itiyoophiyaa ta'uun tajaajilaniiru.
Dr. Nagaasoon seenaa hawaasummaatiin Firaankiferti Yuunivarsiitii Aam-meeyin Gootee irraa digirii doktoreetii argataniiru.
Lammii Jarman kan taate narsi Rejiinaa fuudhanii waliin jiraataniiru.
Dr. Nagaasoon pirezidaantii ta'uudhaan osoo hin muudamiin dura ministeera beeksisaa mootummaa cehumsaa kan turan yoo ta'u, dhaabbilee biyyaalessaa ADWUI keessaa tokko kan ta'e koree giddu galeessaa Dh.D.U.O duraanii turan.
Dr. Nagaasoon yeroon aangoosaanii xumuramuuf baatiiwwan muraasni yemmuu hafu Dh.D U.O. fi ADWUI waliin walii galuu dadhabuudhaan dhiisanii ba'uunsaanii ni beekama.
Filannoo biyyaalessaa bara 1997 adeemsifamerratti dhuunfaadhaan naannoo Oromiyaa wallaggaa lixaa Dambidoollootti kaadhimamaa dorgamaa ta'uudhaan mo'atanii mana maree bakka bu'oota ummataa galuu danda'anii ture.
Adoolessa bara 2000 Madirak wayita hundeeffamu miseensa hundeessaa ta'uudhaan paarticha keessatti hirmaannaa cimaa taasisaa turaniiru.