Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Manni Maree Federeeshinii har'a walga’ii waloo ni taa'u.

131

Fulbaana 30/2015(TOI) - Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Manni Maree Federeeshinii waloon har'a sa’aatii 8:30 irraa eegalee walga'ii idilee bara 2015 bara hojii 2ffaa ni taa'u.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawudee, sirna baniinsa kanarratti karoora mootummaa ilaalchisee Manneen Maree lamaaniif ibsa ni kennu.

Sirnicharrattis Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka bu’oonni dhaabbilee Idil- Addunyaa, abbootiin Amantaalee fi keessummoonni waamichi taasiifameef ni argaman jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015