Birmadummaan Itoophiyaa dhiiga keenyaan qofan osoo hin taane deeggarsa jalaa of baasuun utubama - Obbo Dammaqaa Mokonniin

77

Fulbaana 29/2015(TOI) - Birmadummaan Itoophiyaa dhiiga keenyaan qofan osoo hin taane deeggarsa jalaa of baasuun utubama jedhan Itti aanaan Ministirri Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin.

Sagantaan misooma qamadii bonaa kan bara 2015 sadarkaa biyyaatti jalqabsiisuu bakka Ministirri Muummee FDRI fi hoggantoonni mootummaa fi naannolee argamanitti Naannoo Somaaleetti jalqabameera.

Sagantaa kanarratti kan argaman obbo Dammaqaa Mokonniin Naannoon Somaalee kanaan dura hongeen baay'ee kan miidhamee ture ta'us yeroo ammaa oomishaa midhaanii magariisa ta'ee uffifamee arguun injifannoo guddaadha jedhaniiru.

Ilaalchi dogoggoraan kanaan dura lammileen naannawwaa hongeen itti mudatu jiraatan akka danda'anii naannoo isaanii hin misoomsinetti fudhatamaa turun qubachiisuun akka rakkoon isaanii furamu taasifamaa ture.

Yeroo ammaa mootummaan naannawaa gammoojjii hawaasa jiraatuuf xiyyeeffannoo laachuun hojii bal'aa hojjechaa jira jedhaniiru.

Kanaaf immoo milkaa'inni naannoo Somaaleetti argame agarsiiftuudha jedhaniiru.

Humna Itoophiyaan qabdutti fayyadamuun seenaa deeggarsa qamadii Itoophiyaan kanaan dura ittiin beekamtu jijjiruuf kutannoon sochooneerra jedhaniiru.

Kanaanis Wabii midhan nyaatan of danda'uun cinaatti Itoophiyaan deeggarsa jalaa baatee biyya Qamadii biyya alaatti erguu dandeessu ta'uu ishee addunyaa hubachiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kunis Ijolleen Itoophiyaa birmadumma biyya isaanii eeganii tursiisuuf ejjennoo isaan qaban kan muli'isudha jedhaniiru.

Mootummaa fi uummanni birmadummaa Itoophiyaa jabeessanii itti fufsiisuuf deeggarsa jalaa bahuun dirama ta'uu hubachuun wabii midhaan nyaatan of danda'uuf tarkaanfii muteessarra jiru jedhaniiru.

Keessayyu hoggansi dubbii afaaniin qofa osoo hin taane hojii qabatamaa keessa akka galu walga'ii Koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaarratti kallattiin kaa'ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015