Milkaa'inni misooma Qamadiin argame wabii midhaan nyaatan of danda'uu bira darbee Itoophiyaan gama hundaan jijjiramuu akka dandeessu kan muli'isudha jedhame

Fulbaana 29/2015(TOI) - Milkaa'inni misooma Qamadiin argame wabii midhaan nyaatan of danda'uu bira darbee Itoophiyaan gama hundaan jijjiramuu akka dandeessu kan muli'isudha jedhan Pireezidaantoonni naannolee add addaa.

Ministirri Mummee FDRI doktar Abiy Ahimad har'a naannoo Somaaleetti misooma qamadii bonee kan bara 2015 egalsiisaniiru.

Sagantaa kanarratti pireezidaantoota naannolee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Haaluma kanaan Itoophiyaan bara oomishaa 2014 osoo hin dabalatii misooma jallisii yeroo bonaan qofa qamadii kumtaala miliyoona 25 calleessu danda'uun ishee himameera.

Bara kanas misooma jallisiin lafa heektaara miliyoona 1.3 irratti qamadii kumtaala miliyoona 52 oomishuuf karoorfamuun himameera.

Pireezidaantoonni naannolee sagantaa kanarratti argaman akka himanitti, Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti oomisha qamadiin milkaa'ina guddaa galmeesiteetti.

Kunis gama hundaan qindoominaafi ejjennoo cimaan yoo hojjetame Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti akka jijjiramuu dandeessuu barnoota kan laatedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015