Sektara Qonnaa Ceesisuuf Dhimmamtoonni Qonnarratti Hojjatan Gumaacha Olaanaa Akka Qaban Himame - ENA Afaan Oromoo
Sektara Qonnaa Ceesisuuf Dhimmamtoonni Qonnarratti Hojjatan Gumaacha Olaanaa Akka Qaban Himame
Fulbaana 28/2015 (TOI)-Hudhaalee damee qonnaa keessatti mul'atan furuun sektaricha ceesisuuf dhimmamtoonni qonnarratti hojjatan gumaacha olaanaa akka qaban himame.
Tiraanisfoormeeshiniin qonnaa godinaalee 4 hirmaachise kilaastarri kibba bahaa godina Baaleetti hundeeffame.
Hundeeffama tiraanisfoormeeshinii kana irratti haasawa kan taasisan daarektarri giddugala qorannoo qonna sinaanaafi walitti qabaan kilaastarichaa ob. Taammannaa Miidhagsaa akka jedhanitti mootummaan oomishaafi oomishtummaa qonnaa dabaluun, jiruufi jireenya qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa fooyyessuuf hojiilee deeggaran garagaraa hojjachaa jira jedhan.
Keessattuu qonnaan bulaan wabii nyaataa mirkaneeffachuu bira dabree gabayaa jiddugaleessa godhachuun akka of jijjiiruuf hundeeffamni tiraanisfoormeeshinii qonnaa qooda fudhattoota hedduu walitti fide tumsa ol'aanaa qaba jedhan.
Hudhaalee gama qonnaatiin jiran maqsuufi muuxannoof, beekumsa dhimmamtoota qonnaa bira jiran iddoo tokkotti fiduufis ni tumsa jedhan.
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Baalee obbo Aliyyii Muhaammad gama isaaniitiin sadarkaa guddina qonnaa yeroo ammaa kana mul'achaa jiru beekumsaan dabaaluun, galteelee qonnaa qixa sirrii ta'een itti fayyadamuufi muxannoof, beekumsa dhimmamtoota qonnaa walitti fiduuf tiraanisfoormeeshiniin qonnaa carraa bal'aa kan qabu ta'uu himan.
Tiraanisfoormeshiniin qonnaa kibbaa bahaa giddugalawwan qorannoo qonnaa,intarpiraayzii sanyii filatamaa oromiyaa,dhaabbilee barnoota olaanoo akkasumas kolleejjiiwwan qonnaa godinaalee afur keessatti argaman miseensummaan hammachuus eeran.
Ob. Aliyyiin akka jedhanitti keessattuu inisheetiivii qonnaa mootummaan qamadii yeroo jalqabaatiif alatti erguuf qabate akka milkaahuuf tumsa ol'aanaa kan qabu tahuus dubbatan.
Itti gaafatamaan tiraanisfoormeeshinii qonna Oromiyaa Doktar Saamu'eel Tufaa gama isaaniitiin mootummaan inisheetiviiwwan qonnaa hojiirra oolchaa jiru milkeessuuf godinaalee Oromiyaa kilaastaraan qoqqooduun tiraanisfoormeeshinii qonnaa hundeessuu himaniiru.
Bu'uuruma kanaan tiraanisfoormeeshinii qonnaa kibba bahaa godinaalee Baalee lamaaniifi Arsii lamaan hammate hundeeffama isaarratti dhimmamtootaafi qooda fudhattoota qonnaa waliin mariin gaggeeffamuus dubbatan.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Baalee Bahaa ob. Isheetuu Baqqalaa gama isaaniitii Kaayyoon marichaas beekumsa saayinsii qonnaafi muxannoo karaa tarsiima'aa ta'een qindeessuun humna tokkoon qindoominaan hojjachuun,hudhaalee qonna keessatti mudatan mariif beekumsaan hiikuuf oomishaafi oomishtummaa dachaan dabaluufi damee qonnaa guddisuuf akka ta'es eeraniiru.
Qooda fudhattoonni marichaa yaada kennaniin, hundeeffamuun tiraanisfoormeeshinii qonnaa hojiilee misooma qonnaa gama bittinnaa'een hojjatamaa ture beekumsaafi qabeenya walitti fiduudhaan hojii caalmaa qabu galmeessuuf bu'aa olaanaa qaba jedhan.
Keessattuu carraaqqii wabii midhaan nyaataatiin of danda'uu bira darbee qonna gabaa giddugaleessa godhateefi makaanaayzeeshinii qonnaa bu'ureeffate gaggeessuu keessatti tumsa olaanaa waan qabuuf, milkaa'ina tiraanisfoormeeshinii qonnaatiif gahee isaanirraa eeggamu kan bahan ta'uus dubbataniiru.