Naannoo Oromiyaa Manneen Barnoota Sadarkaa Tokkoffaatti Sagantaan Nyaataa Jalqabame

65

Fulbaana  28/2015 (TOI) Naannoo Oromiyaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa keessatti sagantaan nyaataa jalqabame.

Biiroo Barnoota Oromiyaatti daarektarri sagantaa fooyya’insa manneen barnootaa ob.Warqinaa Nagaasaa TOItti akka himanitti, bara kana naannichatti barattoota miiliyoona 7 tuqaa 5 sagantaa nyaataa akka fayyadaman hojjetamaa jira.

Kanaafis ganna darbe dabalatrr qooda fudhattoota hirmaachisuudhaan hojiin qaneenya walitti qabuun hojjetameera jedhaniiru.

Caasaaleefi waajjiraaleen biiroo barnootaa naannoo irraa kaasee amma gandaatti jiran maallaqaafi gosaan qabeenya walitti qabaniiru.

Wayita amma sagantaan kun manneen barnootaa sadarkaa 1-4 jiran keessatti jalqabamuusaa daarektarichi ibsaniiru.

Sagantaan kun jalqabamuunsaa qulqullina barnootaaf gumaacha olaanaa akka qabus dubbataniiru.

Itti  gaafatamaa itti aanaa biiroo Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa Ob Garramoo Oliiqa, bara kana sagantaa nyaata barattootaa jalqabsiisuuf akkasumas lammiilee caamsaan miidhaman deeggaruuf dhaabbanni Buusaa Gonofaa naannichatti hundaa’ee qabeenya walitti qabaa jira jedhaniiru.

Godinaalee naannichaa, magaalotaafi aanaaleetti biiroo gurmeessuudhaan hojiin milkaa’aan hojjetamuusaa himaniiru.

Amma ammaatti qabeenyi birrii miiliyoona 500 olitti tilmaamamu walitti qabamuu eeranii, ammas itti fufuusaa ibsaniiru.

Gaggeessan mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Abbaa seenaa Adaamaa Ob. Hasan Ahmad gamasaaniitiin, sagantaan nyaata a kun jalqabamuunsaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf shoora qabaatuun alatti addaan kutiinsa barnootaa akka hir’isu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015