Ayyaanni Mawliidaa Amantoota Islaamaatiin Kabajamaa Jira

21

Fulbaana  28/2015 (TOI) Ayyaanni Mawuliidaa kuma 1 fi 497ffaa amantoota Islaamaatiin kabajamaa jira. Ayyaanni Mawliidaa Amantoota Islaamaatiin Kabajamaa Jira Fulbaana  28/2015 (TOI) Ayyaanni Mawuliidaa kuma 1 fi 497ffaa amantoota Islaamaatiin kabajamaa jira.

Ayyaanni lun abbootiin amantaa, hordoftoonni amantichaafi  keessummoonni waamichi taasifameef bakka argamanitti Finfinnee Masgiida guddicha Anuwaaritti bariirraa kaasee sirnoota amantichaa addaddaatiin kabajamaa jira.

Ayyaana Masjiida Anuwaaritti kabajamaa jiru  kana Imaamni Masjiida Anuwaar guddichaa Sheeh Xahaa Haruur quraana qara’uudhaa akkasumas du’aa/kadhannaa gochuudhaan jalqabsiisaniiru.

Ayyaanni Mawuliidaa gocha gaarii nabiyyii Mahaammad qajeelfama ittiin  jireeyaa godhachuudhaan kan kabajamudha.

Daandii isaanii nageenyaa, haqa qabeessaa, gaarummaafi tokkummaa hordofuun akka barbaachisus dubbataniiru.

Ayyaana kana sababeeffachuudhaan raayyaan ittisa biyyaa barii har’aa madfii si’a sagal dhukaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015