Manneen barnootaa miidhaan irra gahe 16 deebisanii ijaaruuf waliigalteen mallateeffame.

53

Fulbaana 27/2015(TOI) - Ministeerri Barnootaafi Dhaabbanni namoonni namootaaf manneen barnootaa gareen shororkeessaa ABUT'n miidhaan irra gahee 16 bifa ammayyaan deebisanii ijaaruuf waliigaltee mallateessan

Waliigaltichas Ministira Barnootaa Pirofeesar Biraanuu Naggaafi Dhaabbata namoonni namootaaf Jarmanitti miseensa boordii hoji geggeessituu doktar Sabaastiyaan Biraandiis mallateessaniiru.

Haala waliigaltichaan manneen barnootaa 16 gareen shororkeessaa ABUT mancaase ture birrii miliyoona 300'n dhaabbanni Namoonni Namootaafii bifa ammayyaan deebisee ijaara jedhameera.

Pirofeesar Biraanuun sirna mallattoo kanarratti akka dubbatanitti, hojiin dhaabbilee adda addaa gareen shororkeessaa ABUT mancaase deebisanii ijaaruu mootummaa qofaan raawwatamuu waan hin dandeenyeef deeggaris dhaabbilee biroo barbaachisaa ta'u himanii, hojiin dhaabbanni Namoonni Namootaafii kun kan dinqisiifatamudha jedhaniiru.

Waldaan Arkiteektoota Itoophiyaa waamicja dhihaateef fudhachuun manneen barnootaa deebifamanii ijaaraman kanneeniif Dizaayinii haaraa hojjechuu himaniiru.

Jarmanitti miseensi boordii hoji geggeessituu Namoonni Namootaafii doktar Sabaastiyaan Biraandiis dhaabbatichi waggoota 40 hojii misooma barnootaarratti hojjechaa jira.

Manneen barnootaa 16'n kanneen dizaayinii ministeerri barnootaa kenneefin hojjetee xumuruuf qophiidha jedhaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015