Kurmaana Waggaa Kanaatti Kanneen Humna Hinqabneef Manneen Kuma 23 Ol Haaromsamaniiru-Bulchiinsa Magaalaa

86

Fulbaana 27/2015(TOI) ...Kurmaana waggaa kanaatti kanneen human hin qabne kuma 23 ol haaromfamuu komishiniin pilaanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise

Komishonariin komishinichaa Dr. Daadhii Wadaajoo TOIf addatti akka ibsanitti, bulchiinsichi karoora guyyoota 60 fi 90 namootarratti xiyyeefate baasuudhaan hojiitti seenuusaa beeksisaniiru.

 Keessumaa hojiiwwan tola ooltummaa ganna darbe hojjetameen hojiin bu’a qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.

Hojii kanaanis manneen human dhabeeyyii kuma 23 ol hojjechuudhaan fayyadamoo taasifamaniiru.

Kanaafis bulchiinsichi birrii biiliyoona 1 tuqaa 7 bssaii gochuusaa ibsanii, ijaarsiifi haaromsi manneenii irra caalaan dhaabbilee magaalaattiifi abbootii qabeenyaatiin hojjetamuusaanii dubbataniiru.

Nageenyi amansiisaa akka jiraatu gochuurraa kaasee nyaata qooddachuufi sochiiwwan biroo taasisuudhaan hojiiwwan hawaasummaafi dinagdee jiraattota magaalaattii fayyadamoo taasisan hojjetamuusaanii dubbataniiru.

Karoora guyyoota 90 itti aanuunis pirojektoota gurguddoo magaalaattiitti jalqabamaniifi pirojektoota misoomaa hawaasummaafi dinagdee yeroo qabameefitti xumuruun tajaajilaaf oolchuuf  human guutuun ni hojjenna jedhaniiru.

Riifoormiin fooyyessa kenniinsa tajaajilaa waajjiraalee tajaajila guyya guyyaa kennan keessatti jalqabame cimee akka itti fufuDr. Daadhiin ibsaniiru.

Kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuufi dijitaalaayiiz gochuun, tajaajila kennamu tuttuqaa namaafi malaammaltummaarraa bilisa gochuun xiyyeeffannoon akka hojjetamu himaniiru.

Raawwiin karooraa kurmaana waggaa tokkoffaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee magaalaa Adaamaatti adeemsifamuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015