Bara 2015 dhimma Nageenyaa, Tikaafiifi Tasgabbiif xiyyeeffannoon dursaa kennamee hojjetama - Af-Yaa'ii Mana maree

Fulbaana 27/2015(TOI) - Bara 2015 dhimma Nageenyaa, Tikaafiifi Tasgabbiif xiyyeeffannoon dursaa kennamee hojjetama jedhan Af- Yaa'iin mana maree bakka bu'oota Uummataa obbo Taggasee Caafoo

Af- yaa'ichi yaa'ii idilee mana maree 6ffaa marsaa 2ffaa Fulbaana 30/2015 jalqabu ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin manni marichaa hojii bara 2015 xiyyeeffannoon hojjetu keessaa kanneen ijoo ta'an eeraniiru.

Dhimma nageenyaafi tasgabbiif xiyyeeffannoon addaa kennamee kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Manni marichaa bara 2015tti hojii seeroota baasuu to'annoofi hordofiif xiyyeeffannoo dursaa kennee kan hojjetuufi nagaafi tasgabbiin biyya keessa akka jiraatus caalaatti cimsee hojjeta jedhaniiru.

Guddina dinagdee, Carraa hojii uumuu, Marii biyyaaleessaa, Kennisa tajaajilaafi bulchiinsa gaarii, gaaffiiwaan misoomaa deebisuuf kanneen biroofis xiyyeeffannoon kan laatamu ta'u Af-yaa'ichi himaniiru.

Manni maree bakka bu'oota uummataafi Mana maree Federeeshinii Fulbaana 30 hojii kan jalqaban yoo ta'u guyyaa kana yaa'ii bakka tokkotti geggeeffamurratti Pireezidaantiin FDRI Saahilewariq Zawudee argamuun hojiiwan bara bajataa 2015 waliigalaan ni dhiheessu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015