TOI fi Miidiyaan Giruuppii Intarnaashinaalaa Ispuutniik Waliin Hojjechuuf Waliigalan

105

Fulbaana 26/ 2015 (TOI) Tajaajilli oduu Itiyoophiyaafi miidiyaan Giruuppiin internaashinaalaa Ruusiyaa Ispuutniik waliin hojjechuuf mallatteessan.

Hojii gagggeessaan olaanaa TOI ob. Seefee Darribee, Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ruusiyaa Iivgeenii Terekhhin fi itti gaafatamtoonni tajaajila oduu biyyoota lamaanii argamaniiru.

Waliigaltee kanaan tajaajilli oduu lamaanuu odeeffannoowwan oduufi oduun walqabatan wal jijjiiruuf, taateewwan gurguddoo biyyoota lamaan jidduutti taasifaman odeeffannoo gabaasaa wal jijjiiru.

Odeeffannoowwan hariiroo biyyoota lamaanii ilaallatan, akkasumas oduuwwan idil addunyaa afaan Ingiliffaafi afaan Arabaatiin akka wal jijjiiran ibsameera.

Tajaajila oduu Itiyoophiyaatti Daarektarri quunnamtii ummataafi waldeeggarsa tarsiimawaa Yohaannis Wandiraad akka jedhanitti, TOI dhaabbata taateewwan biyyaalessaafi dil addunyaa gabaasuudhaan ni beekama.

Waliigalteen miigiyaa giruupii Ispuutniik intarnaashinaalii waliin taasifame TOI dhaabbilee miidiyaa idil addunyaa waliin hojjechuun akka biyyaatti gumaacha guddaa akka ba’atu isa dandeessisa jedhaniiru.

Miidiyaa giruuppii Internaashinaalaa Ispuutniikitti daarektarri walta’iinsa idil addunyaa Vaasliiy Pooshkoov gamasaaniitiin, TOIn tajaajila oduuwwan angafa ta’an keessaa isa tokko

Waliigalteen har’a kun fedhii yeroo dheeraa TOI waliin hojjechuuf ture kan itti milkaa’edha kan jedhan daarektarichi, kanattis gammaduusaanii ibsaniiru.

Kana malees tajaajilli oduu lamaanuu tamsaasa oduu sobaa  yeroo ammaa tatamsa’aa jiru odeeffannoo haqa qabeessaan fashaleessuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Kun ammoo amanamummaafi human dhaabbattummaa dhaabbilee lamaanii  akka cimsu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015