Rakkoo dhiyeessii kaappitaala ka'umsaa Intarpiraayizootaa furuun bu'aa qabeessummaasaanii mirkaneessuu

Fulbaana 26/2015(TOI) - Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa mata duree ''Rakkoo dhiyeessii kaappitaala ka'umsaa Intarpiraayizootaa furuun bu'aa qabeessummaasaanii guddisuufi badhaadhina maatii mirkaneessuuf'' jedhuun waltajjii gaggeessee jira.

Biirichi waldaalee IMX godinaalee rakkoowwan adda addaaf saaxilaman keessaa calalaman namoota 200 ta’aniifis maallaqa ka'umsaa hojii uummachuuf isaan dandeessisu qarshii miiliyoona afuriifi kuma 100 ol kenneera.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Ahmad Indiriis, dorgomummaa waldaalee intarpiraayizootaa guddisuun bu'uura Indastirii akka ta'aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaa kanaan maallaqa dhaabbata ‘UNDP’rraa argame qarshii Miil afurii ol ta 'u waldaalee 37 miseensoota 200 of keessaa qabu Aanaalee 26 irraa calalamaniif kennameera jedhan.

Biirichi bara kana hojii dhabeeyyii miliyoona 2.5f carraa hojii uumuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Pirezdaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Mogos Ida'ee gamasaaniin, haala mijataa hintaane keessatti hojjechuun ofiifi hawaasa naannoos jijjiiruun akka danda'amufi dargaggoota biroofis qabatamaan agarsiisuu akka qaban dhaamaniiru.

Mootummaan dargaggoota hojii dhabeeyyiif carraa hojii uumuun dinagdeedhaan akka of danda'aniifi Naannoosaanii jijjiiran xiyyeeffannaa kennee hojjechaa jiras jedhaniiru.

Akka BKO gabaasetti, Hogganaan Maallaqaafi Walta'iinsa Dinagdee Oromiyaa Obbo Tolasaa Gaddafaa gamasaaniin waan xiqqoo argattan bu'aarra oolchinaan waan caalu argachuuf carraa waan isiniif uumuuf cimtanii hojjechuu qabdu jechuun waldaalee maallaqa kana argataniif dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015