Piriimer Liigii Beetkiingii Itiyoophiyaatiin Har’a Taphoonni Lama Ni Adeemsifamu

130

Fulbaana 26 /2015 (TOI) Sagantaa torbee lammaffaa Piriimer Liigii beetkiingii Itiyoophiyaa kan bara 2015tiin har’a taphoonni lama ni adeemsifamu.

Tapha kana guyyaa keessaa saa’a 7tti Itiyoo Elektiriikiin Qiddus Goorgis akkasumas sa’aatii 10tti Lagaxaafoo Laga daadhii Magaalaa Dirreedawaa waliin Istaadiyeemii idil addunyaa Bahaardaaritti ni taphatu.

Taphoota torbee lammaffaa kaleessaa adeemsifamaniin magaalaan Walqixxee magaalaa Bahaardaar 1 fi on Itiyoophiyaa Madin magaalaa Arbaamiincii 4 fi 3n mo’ataniiru.

Hadiyyaa Hoosaa’inaa Buna Sidaamaa, magaalaan Adaamaa Machaal waliin boru Sa’aatii 7tti ni taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015