Birmadummaa Itoophiyaa eegsisuun adeemsa Misooma jalqabame itti fufsiisuu keessaatti gaheen olaanaa Paartiin Badhaadhinaa cimee itti fufa

71

Fulbaana 25/2015(TOI) - Birmadummaa Itoophiyaa eegsisuun adeemsa Misooma jalqabame itti fufsiisuu keessaatti gaheen olaanaa Paartiin Badhaadhinaa cimee itti fufa jedhan Pirezdaantii Itti aanaa paartichaa Adam Faaraaha

Hoggantoonni Olaanoofi hojjettoonni Paartii Badhaadhinaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Sagantaan dhiiga arjoomuu waajjira olaanaa paartichaatti qophaa’e deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamu cimsuurratti kaayyeffachuu ibsameera.

Hoggantoonniifi hojjettoonni paartichaa Raayyaa Ittisa Biyyaa weerara garee shororkeessaa ABUT qolachaa jiruuf deeggarsi taasisan cimee itti fufuu akka qabu Pirezdaantii Itti aanaa paartichaa Adam Faaraaha ibsaniiru.

Deeggarsa barbaachisu taasisuuf paartichi kutannoo qabaachuu ibsuusaaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015