Piroojektiin Bishaan Roobaa kuusuu ‘Hidha boroo kootti’ jedhu eegalame.

Fulbaana 25/2015 (TOI) – Naannolee hongeef saaxilamoo ta’anitti Piroojektiin Bishaan Roobaa kuusuu ‘Hidha boroo kootti’ jedhu hojii jalqabuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiise.

Godina Booranaatti Hojii Piroojektii Bishaan Baaxirraa kuusuun hojiirra oolchuu hojjetamaa jiru Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittifaa dabalatee hoggantoota olaanoon daawwatameera.

Yaaliin Bishaan Kuusuu mata duree ‘Hidha boroo Kootti’ jedhuun Inistiitiyuutii Teeknooloojii Bishaan Itoophiyaan gaggeeffamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu eerameera.

Piroojektiin kunneen Godina Booranaa Manneen Barnootaa 8fi qe'ee tokkotti hojiirra oolaa jiraachuu Dooktar Injiinar Haabtaamuun ibsaniiru.

Manneen Barnootaa 8 fi naannawaa tokkotti hojiirra ooluu eegaluu ibsuun, Piroojektichi naannolee Hongeef saaxilamoo ta’aniif furmaata sirrii ta’uu dubbataniiru.

Ministeera Bishaaniifi Inarjiitti deetaa ministeera deetaa Bishaan dhugaatiifi qulqullinaa(Saaniteeshinii) ambaasaaddar Asfaawu Dingaamoo gama isaaniin , bakkeewwan hanqina roobaa qaban hundaatti pirojeekticha hojiirra oolchuun hawaasnii ofii isaafi beellada isaa lubbu baraaruu ni danda'a jedhaniiru.

Kana bira darbuunis kudaraafi mudaa borootti ittiin oomishuufi tajaajiloota biroofis ooluu ni danda'a jedhaniiru.

Jiraattoonni Godina Booranaa Pirojeektii kanarraa fayyadamaa ta'an akka himanitti, sababa hongeetiin maddawwan kanaan dura itti fayydamaa turan hunduu goganiiru. Kanaanis rakkoo hedduuf saaxilamaa turuu himanii, pirojeetichi kun immoo furmaata rakkoo kanaa ta'eefii jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015