Humnoonni alaa dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galuu dhiisuun michummaan isaanii itti fufu qabu

61

Fulbaana 23/2015(TOI) - Humnoonni alaa dhimma keessoo Itoophiyaa keessa galuu dhiisuun michummaan isaanii itti fufu qabu jedhan Jenevitti ambaasaaddarri Itoophiyaa ambaasaaddar Zannabaa Kabbadaa

Jijjirama siyaasaa sadarkaa biyyaatti dhufeen gareen shororkeessaa ABUT erga aangoorraa dhabamsiifamee booda waraana Itoophiyaarratti baneen qormaanni kallatti garaagaraan Itoophiyaa mudateera.

Kanaaf Mootummaan olaantummaa seeraafi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf ergaa waggaa lamaa tarkaanfiwwaan adda addaa fudhachaa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan Jenevitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Zannabee Kabbadaa biyyoonni tokko tokko ilaalchisa isaan Itoophiyaarratti qaban dhugaa biyyatti keessa jiru kan ilaalcha keessa hin galchineefi birmadummaa ishee kan faallessudha jedhan.

Itoophiyaa diiguufi dadhabsiisuuf kan hojjechaa jiru gareen shororkeessaa ABUT ergama humnoota alaarraa fudhate galmaan gahuuf yaala jira jedhaniiru.

Humnoonni alaa karaa ifa ta'eefi dhoksaan garichaa deeggaraa jiran tasa kaayyoon isaanii hin milkaa'uuf jedhaniiru.

Itoophiyaannoo dur irraa jalqabanii weerartuu biyya alaa ittisa kan tura ta'uu himanii yeroo ammaas birmadummaa biyya isaani kabachiisuuf wal ta'anii qabsaa'aa jiru jedhaniiru.

Humnoonni alaa garee shorkeessaa ABUT deeggaran gochaa isaanii kana dhiisuun karaa nagaafi misoomaa mootummaan dhiheessaa jiru deeggaruu qabu.

Imaammanni dhimma alaa Itoophiyaa biyyoota addunyaa hundaa waliin qindoominaan hojjechuufi michummaa jiddugala kan godhatedha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015