Ministira Magaalaafi Bu’ura Misoomaa Adde Caaltuu Saanii Dabalatee Hoggantoonni Oalnoo Federaalaafi Naannoo Magaalaa Kombolchaa Galan

205

Fulbaana 23/2015(TOI) – Ministira Magaalaafi bu’ura misoomaa adde Caaltuu Saanii dabalatee Hoggantoonni olaanoo federaalaafi naannoo dhaabbilee tajaajila hawaasaa kennan deebi’anii ijaaraman daawwachuuf magaalaa Kombolchaa galaniiru.

Hoggantoonni wayita buufata qilleensaa Kombolchaa ga’an hoggantoonni magaalaa Daseefi Kombolchaafi qaamoleen dhimmi ilaalu simateera.

Hoggantoonni kunneen dhaabbilee tajaajila Hawaasaa kennaniifi shororkeessaa ABUTn barbadaahanii deebi’anii birrii miiliyoona 150n ijaaraman eebbisuuf ta’uun beekameera.

Qindeessaan deebisanii ijaaruu ob. Birhaanuu Musee TOIf akka himanitti, dhaabbileen deebi’anii ijaaraman manneen barnootaa 8, dhaabbilee bakka tokkotti tajaajila kennan 7fi keellaawaan fayya 3 akka ta’e hubatameera.

Dhaabbileen ijaaraman kunneen Amaaraa bahaa magaalaalee 7 Kombolchaa, Kamisee, Shawaaroobiit, Dasee, Waldiyaa, Laalibalaafi Saqoxaa keessatti kan argamanidha.

Ijaarsi pirojektoota kanneenii baatii 4 keessatti kan xumurame yemmuu ta’u, pirojektoota biroofis muuxannoon kan itti argamedha jedhameera.

Kantiibaan magaalaa Kombolchaa ob. Mahaammad Amiin, manni barnootaa seeftiineetii magaalaalee birrii miiliyoona 15n ijaarameefi dhaabbanni tajaajila bakka tokkotti kennu tajaajilaaf ooluusaanii ibsaniiru.

Daawwannaa kana booda magaalaa Daseetti argamanii marii paanaalii ni taasisu jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015