Namtichi Utuu Hatuu Qabame Hidhaa Cimaa Waggaa Afuriin Adabame - ENA Afaan Oromoo
Namtichi Utuu Hatuu Qabame Hidhaa Cimaa Waggaa Afuriin Adabame

Fulbaana 21/ 2015 (TOI) Godina Gujii magaalaa Nagallee namtichi mana qorichaa keessatti utuu hatuu qabame hidhaa cimaa waggaa afuriin Adabamuusaa qajeelchi poolisii godinichaa beeksise.
Itti gaafatamaan divijinii komunikeeshinii qajeelchichaa Itti aanaa komaandaraa Baqaaluu Ballaxaa akka jedhanitti, nammni kun nama qoricha bitu fakkaatee birrii kuma 2 fi 590 yemmuu hatu qabameera.
Poolisiin nama Jawaar Waaqoo jedhamu hannaan shake qorannoo sa’aatii lama hin caalle taasiseen yakka kana qulqulleessee mana murtiif dhiheessuu ibsaniiru.
Manni murtii aanaa Liiban galmee yakkaa poolisiifi abbaa alangaatiin qulqullaa’ee dhihaateef ilaalee Fulbaana 20/2015 guyyaa keessaa sa’aatii 11tti murtee dabarseera.
Yakki kun guyyaa kan raawwatameefi raga namaa dhaggeeffachuudhaan namni kun hidhaa cimaa waggaa afuriin akka adabamu itti murteesseera.
Namni kun magaalaa Nagalleefi godinicha keessa naanna’uudhaan hannaan kan shakkamuufi poolisiidhaan barbaadama kan ture ta’uu beeksisaniiru.
Poolisiin yakka raawwatamerratti hundaa’ee galmee raga battalatti qulqulleessee murteef dhiheessee kan itti murteessisu hojmaata “R.T.D.” jedhamu akka qabu dubbataniiru.
Yakkamtoonni yakka raawwatanii yeroof miliqan danda’anis seera jalaa ba’uu akka hin dandeenye dubbataniiru.