Fooramiin Irreechaa Afraffaafi Qophiin Jala Bultii Finfinneetti Adeemsifamaa Jira

67

Fulbaana  20/ 2015 (TOI) Fooramiin Irreechaa afraffaafi qophiin jala bultii bulchiinsi magaalaa Finfinneefi mootummaan naannoo Oromiyaa waliin qopheessan magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Ayyaanni Irreechaa boru Fulbaana 21 bara 2015 Finfinneetti kabajamu dammaqinaan kabajuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee torbee tokkoof qophii taasisaa tureera.

Qophiileen kunneenis marii paanaalii, Egzibiishiniifi baazaarii Aadaa, akkasumas iddoo sirni Irreechaa itti raawwatamu qulqulleessuu ta’uun ibsameera.

Ayyaanni Irreechaa Finfinneetti erga kabajamuu eegalee waggaa afur akka ta’e niyaadatama.

Ayyaanni kun duudhaalee aadaa Irreechaa akkasumas faayidaalee dinagdeefi hawaasummaa irratti xiyyeeffachuun ni raawwatama.

Qophii kanarratti waraqaan barreeffamaa, mariin paanaaliifi hojiileen aartii ayyaanicha calaqqisiisan nidhihaatu jedhameera.

Abbootiin Gadaa, haadha Siinqee, kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee, pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa ob. Shimallis Abdiisaa, ministiroonni, aanga’oonni  mootummaa, bakka bu’oonni addaddaa ayyaana kanarratti akka hirmaatan odeeffannoon waajjira kantiibaa irraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015