“Irreechi Waltajjii Guddummaan Oromoo Ifee Itti Mul'atu, Faajjii Nageenyaafi Obbolummaati” - Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

233





Aadaan ibsituu eenyummaa, sirna diinagdeefi bulchiinsaa, akkaataa nyaataafi uffannaa, haala gaddaafi gammachuu akkasumas waaqeffannaa saba tokkoo akeeka. Guddinaafi dagaaginni aadaa jijjiirama hawaasaa waliin wal sima waan ta’eef maddi guddina qaroominaa marti aadaadha jechuu dandeenya.

Ummanni Oromoo ummata falaasama addunyaa ittiin hubatuufi jiruufi jireenyaaf hiika itti kennu qabudha. Ummata Waaqni uumaaf uumamaa tokkichi jiraachuu sirna dhugeeffannaa ofii isaatiin mirkaneeffate, ummata sirna argaa dhageettiin beekumsa dilbii dhalootaa dhalootatti dabarsuu isa dandeessisu diriirse, ummata safuufi safeeffannaan hariiroo uumaafi uumamaa sirneesse, ummata sirna urjii irratti hundaa’uun dhaha dhahee taatee egeree raaguu isa dandeessisu boce, ummata sirna bulchiinsa ammayyaa waggoota kuma hedduu dura kalaqee qarooma addunyaaf gumaache, ummata guddaadha. Walumaagalatti ummanni Oromoo abbaa aadaa gabbataafi sirna jabaa dhaloota cehu ijaaruun beekamudha.

Akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Oromoon duudhaasaa ganamaatti deebi’uu qaba yoo jennu, sirna abbootiin keenya kaleessa diriirsan qajeeltoon qorannee xiinxallee, beekumsa ammayyaan dabaalamee, kan dandeettiifi beekumsa nama dhuunfaa irratti hin rarraane, sirna jabaa wabii dhalootaa ta’e lafa qabsiisuu jechuu keenyadha. Aadaa dagaagsuu, aartii guddisuu, afaan misoomsuu, jiruuf jireenya ummataa fooyyessuun dhaloota dorgomaa ta’e horachuufi kalaqa babal’isuun galmoota misooma hawaasummaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoon irratti hojjetaa jirudha.

Irreechi aadaa, duudhaa, seenaafi sirna dhugeeffannaa gabbataa uummanni Oromoo qabu, sirna Waaqa tokkicha, uumaa waan hundaa ta’e, uumama qabatanii ‘gurraacha garaa garbaa, leemmoo garaa taliilaa, tokkicha maqaa dhibbaa, kan lafa dhisaa malee diriirse, samii utubaa malee dhaabe’ itti raajeffataniifi galateeffatan, guyyaa xiqqaa-guddaan, jaarsaa-jaartiin, dhiiraa-dubartiin, beekaa-wallaalaan tokkummaan malkaa bu’anii, tulluu bahanii araara, dhiifama, hawwiifi milkii gaarii, nageenyaafi badhaadhina, akkasumas tokkummaa itti labsan, ayyaana ulfoo Oromooti.

Irreechi mallattoo nageenyaafi araaraati. Bakka araarri waaqaafi lafaa, uumaaf uumamaa itti labsamudha. Kanaaf Oromoon “yoo namni walitti araarame Waaqni namatti araarama” jedhee mammaaka. Waan ta’eef, akka duudhaa Oromoo ganamaatti haaloo qabatanii, gadoo baatanii malkaa dhaquun aad-maleedha. Oromoon yoo malkaa bu’u jibba jaalalaan, waldhabdee araaraan, haaloofi gadoo dhiifamaan bira darbuun sirna hariiroo hawaasaa jabaa ijaaraa ture ibsuuf “garaa qulqulluun malkaa qulqulluu dhaqu” jedha. Oromoon safuufi duudhaa isaa ganamaatti deebi'uudhaan kan waldhabe araarsuun waldhabdee hambisuuf daandii nagaafi araaraa filata. Kanaafuu, dhaloonni har’aa duudhaa nageenyaafi araaraa qajeeltoo jireenya keenyaa godhachuun walii keenya gidduutti araara buusuu, nageenya labsuufi dhiifama walii gochuutu nurraa eegama.

Aadaan miidhagaafi guddummaa ummata Oromoo mul’isu, bu’uura tokkummaafi obbolummaa sabaaf sablammootaafi uummattootaa ta’e kun, cunqursaa sirnoota faallaa Oromootiin awwaalamee, duudhaan isaa dhokatee turus qabsoo taasifameen aadaan dhokate mul’atee, seenaan dagatames yaadatme. Keessumaa Irreechi ‘Hora Finfinnee’ jaarraa tokkoofi walakkaa oliif addaan citee bakki isaas onee ture hojii Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasa waliin hojjeteen ummanni malkaa isaa ganamaatti akka irreeffatu ta’eera.

Ummanni sirna jabaa qabu aadaafi seenaa isaa kunuunfata. Lamuu aadaan, afaanniifi duudhaan isaa akka hin hacuucamneef hundee jabaa irra dhaabbata. Sababiin isaa, sirni jabaan eegduu duudhaa har’aafi tursiiftuu galma walooti. Sanaan duudhaafi aadaan, seenaafi seeneffamni Oromoo jabaatee akka sirnoomuuf hojii hojjetameen duudhaan Oromoo ganamaa bakkatti deebi’aa jira. Qaama sirna gadaa kan ta’eefi mootummaan xiyyeeffannoon irratti hojjechaa kan jiru manni murti aadaa guutummaa Oromiyaatti hundaa’uun ummanni baasiifi hamii malee haqa isaa qe’ee isaatti argachaa jiraachuun agarsiiftuu sirnoomuu duudhaa ganaamaati.

Oromoon duudhaa isaa ganamaan taatee hamaa uumamaafi namtolcheen isa muudatu jalaa ooluuf wantoota duudhaa ganamaa bakkatti deebisan sirneessuun kaayyoo waloo Oromoo ta’ee hojjetamaa jira. Tajaajila lamummaan misooma waloo dhugoomsuuf, Buusaa gonofaatiin rakkoo hawaasummaa waloof fala faluu, gaachana sirnaan nageenya waloo eegsisuuf labsii labsameen uummanni jabaan sirna jabaa qabaatee, tokkummaan Oromummaa qindoomina sirnaan dagaaguun dhiibbaa itti dhufu malu kamuu jalaa akka dandaamtuuf hojjechuun dhimma xiyyeeffannoo addaa barbaaduudha. Sababiin isaas duudhaan sirnoome ijaarsa sabaa jabessee eenuyummaa dhokate mul’isa, jiruufi jireenya hawaasaas jijjiiree egeree biyyaaf abdii tolcha.

Ayaana Irreechaa bara kanaa wayita kabajnu aggaammii diinota duudhaa keenya balleessuuf ifaajanii qolachaa, jiruufi jireenya uummataa fooyyessuuf yeroo kam caalaattiyyuu wayita hojjechaa jirrutti. Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa ummataa roga hundaan si’eessuun injifannoo caalu galmeessaa duudhaafi safuu bakkatti deebisaa, badhaadhinaafi guddina qabame dhugoomsuuf qindoomina ummata jabeessee hoji eegalames finninsee itti fufa.

Dhuma irrattis, duudhaa jaalalaafi marabbaa uumaan nu badhaase fayyadamnee dhiifamaafi araaraan biyya keenyatti nagaa waaraa buusuuf haaloo kaleessaa dhiifamaan; waldhabdee har’aa ammoo araaraan furannee biyya cimtuufi badhaatuu taate tokkummaan ijaarrachuuf adeemsa ‘Marii Biyyaalessaa’ eegalamee jiru dhugoomsuuf hunduu qooda isaa ba’achuu qaba jechaa Irreecha qabeenya addunyaa, madda tuurizimii, aadaafi duudhaa Oromoo addunyaatti beeksise kana karaa duudhaa, safuu, nagenyaafi miidhagina isaa eeggateen akkasumas sabootaafi sablammoota biroo hirmaachiseen kabajamuu akka qabu dhaamaa aayyanichi kan nagaafi milkiii akka nuuf ta’un hawwa.

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Fulbaana, 20/ 2015

Finfinnee

Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Oromiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015