Irreechi Hora Finfinneefi Hora Harsadeetti Kabajamu Duudhaasaa Eeggatee Kabajamuu Qaba-Jaarsolii Biyyaa

79

Fulbaana 19/2015(TOI) Irreech Sanbataafi Dilbata dhufu Hora Finfinneefi Bishooftuu Hora Harsadeetti kabajamu duudhaasaa eeguun kabajamuun akka barbaachisu jaarsolii biyyaa magaalaa Adaamaa gaafatan.

Magaalaa Adaamaatti Jaarsi biyyaa Fayyisaa Magarsaa TOIf akka himanitti Irreechi kan uumaa keenya ittiin galateeffannu malee bakka siyaasaa miti jedhaniiru.

Irreechi siyaasaa hin qabu, ayyaana galateeffannaa, araaraafi tokkummaa ta’uurra darbee uumaa keenya ganna nagaan nudabarse itti galateeffannudha jedhaniiru.

Guyyaa kanatti qabannee kan baanu mallattoo abbaa gadaa qofa waan ta’eef dargaggoonni waamicha abbootii fudhatanii keessummoota sirnaan dhufan keessummeessuudhaan nagaan akka deebi’an taasisuu qabu jedhaniiru.

Sagantaan kun ummanni Oromoo kan facaafne nagaan akka nuu laatu, dhala arganne nagaan akk nuu guddisu uumaa keenya iddoofi guyyaa  itti galateeffannu ta’uu eeraniiru.

Jaarsi biyyaa magaalaa Adaamaa Haajii Huseen Hamoo qeerroofi qarreen Oromoo Irreechi guyyaa galateeffannaa ta’uu beekanii walkabajuudhaan waliin ayyaaneffachuu qabu jedhaniiru.

Duudhaa ayyaanichaatiin ala waan hin taane raawwachuun kan balaaleffatamu ta’uu eeraniiabbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, gaggeessitoonni amantaafi dargaggoonni akkaataa tartiibasaaniitiin irreeffatanii nagaan deebi’uu akka qaban hubachiisaniiru.,

Kaamoleen Kaayoo maleeyyii jiraachuu ni danda’u kan jedhan Haajii Huseen, irreechi duudhaasaa eegee dammaqinaan akka kabajamu dargaggoonni ga’eesaanii ba’uu akka qaban himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015