Sirni awwaalcha Artisti Maadiingoo Afawarqi raawwate

Fulbaana 19/2015 (TOI)- Sirni awwaalchaa Artisti Maadiingoo Afawarqi Batsakaanaa Sillaasee Kaateediraaliitti har’a raawwateera.

Sagantaan gaggeessa reeffa Artistii Maadiingoo Afawarqi Paarkii Michummaatti bakka maatiin firoottaan, aanga’ooni mootummaa, waahillaan hojii fi dinqisiifattoonni argamanitti sirni abaaboo kaa’uus gaggeeffameera.

Sirna abaaboo kaa’uu kanarratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee akka jedhanitti “Du’uun haqa. Hundi keenya garas kan imalluudha. Ta’us maal dhiisnee deemna? Kan jedhu jireenyaa Maadiingoorraa barachuu qabna. Dhugaatti artisitii dargaggeessa goota jaalala biyyaaf qabu ragaa baheedha” jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015